Appilikeeshiniiwwan Moobaayilaa
Tuuta appii bilisaa, afaanota hedduu kan toora intarneetiin ala hojjetan. Fayyadamtoota hawaasaan kan qoratame, appilikeeshiniiwwan Hesperian icciitii dhuunfaaf dursa kennu.
Tuuta appii bilisaa, afaanota hedduu kan toora intarneetiin ala hojjetan.
Fayyadamtoota hawaasaan kan qoratame, appilikeeshiniiwwan
Hesperian icciitii dhuunfaaf dursa kennu.
Yoom walqunnamtii saalaa akka raawwannu, yoom akka ulfaa’uu qabnuu fi yoom akka ijoollee godhannu ofuma keenyaan yeroo murteessinu fayya-qabeessa taana. Appilikeeshiniiwwan Hesperian qabatamaa, afaanota hedduu odeeffannoo fayyaa walhormaataa amanamaa fi meeshaalee wal-qunnamtii gargaaran of keessaa qabu. Appilikeeshiniiwwan kunneen erga buufamanii booda toora interneetii alatti ykn karoora daataa malee hojjetu. Murtoo ofii keetii, namoota jaallattu fi hawaasa keetiif bu’aa fayya qabeessummaa ta’e mirkaneessuuf itti fayyadami.
Imaammata Dhuunfaa Appii Moobaayilaa keenya asii ilaaluu dandeessu.
Appii Karaa Sirrii Ulfa Adda Kutuu
Ulfa karaa sirriin adda kutuu ilaalchisee odeeffannoo sirrii, bal’aa fi tartiiba tartiibaan argadhu. Maloota karaa siriin ulfa adda kutuu adda addaa walbira qabi, shallaggii ulfaa fayyadami, akkasumas kutaa GDG- Gaaffilee irra Deddeebi’anii Gaafataman bal’aa ta’een gaaffiiwwan deebisi ykn yaaddoowwan furi. Namoota dhuunfaa, hojjettoota fayyaa fi leelliftoonni akka itti fayyadamaniif, appiin Karaa Sirrii Ulfaa Adda Kutuu buufachuudhaaf iddoo xiqqaa barbaada (MB40 gadi). Akkasumas, iccitii fayyadamtootaa mirkaneessuuf kan qophaa’edha.
AFAANOTA JIRAN
• Afaan Oromoo
• Amharic
• English
• Spanish
• French
• Igbo
• Kinyarwanda
• Kiswahili
• Luganda
• Portuguese
• Yoruba
Yeroo barbaadetti afaanota 11 hunda gidduutti jijjiiri.
Appii Karoora Maatii
Hojjettoota fayyaa sarara duraa, hoggantoota naannoo, fi guddiftoota hiriyootaaf kan qophaa’e appiin kun suuraa fi fakkii ifa ta’e, odeeffannoo salphaatti hubatamuu danda’uu fi meeshaalee wal-qunnamtii waa’ee fayyaa walhormaataa irratti marii deeggaraniin kan guutame dha. Karoorri Maatii mata dureewwan barbaachisoo gorsaaf ta’an kanneen akka akkaataa itti fayyadaman mala tokkoon tokkoon isaanii, ulfa hammam akka ittisuu danda’an, hammam salphaatti iccitii dhoksuu akka danda’an, fi miidhaa cinaa kan hammatudha.
AFAANOTA JIRAN
• Afaan Oromoo
• Amharic
• English
• Spanish
• French
• Kinyarwanda
• Kiswahili
• Luganda
• Portuguese
Yeroo barbaadetti afaanota 9 hunda gidduutti jijjiiri.
Safe pregnancy and birth app
Safe Pregnancy and Birth provides accurate, easy-to-understand information on pregnancy, birth, and care after birth. Clear illustrations and plain language make this award-winning app practical and user-friendly for community health workers, midwives, and individuals and their families. Free and small to download, this app works offline without a data plan.
Language choices in the Safe Pregnancy and Birth app: English, Español. Change between both languages at any time.