Appii Karaa Sirrii Ulfa Adda Kutuu
Appii bilisaa, afaanota hedduu kan toora interneetii ala hojjetu.
Dirree hawaasaan qoratame, appilikeeshiniiwwan Hesperian icciitii dursa kennu.
Ulfa karaa sirriin adda kutuu ilaalchisee odeeffannoo sirrii, bal’aa fi tartiiba tartiibaan argadhu. Maloota karaa siriin ulfa adda kutuu adda addaa walbira qabi, shallaggii ulfaa fayyadami, akkasumas kutaa GDG- Gaaffilee irra Deddeebi’anii Gaafataman bal’aa ta’een gaaffiiwwan deebisi ykn yaaddoowwan furi. Namoota dhuunfaa, hojjettoota fayyaa fi leelliftoonni akka itti fayyadamaniif, appiin Karaa Sirrii Ulfaa Adda Kutuu buufachuudhaaf iddoo xiqqaa barbaada (MB40 gadi). Akkasumas, iccitii fayyadamtootaa mirkaneessuuf kan qophaa’edha.
Filannoon afaanii appii kana keessatti argaman Afaan Oromoo, Amharic, English, Español, Français, Igbo, Kinyarwanda, Kiswahili, Luganda, Português, and Yoruba dha. Yeroo barbaadetti afaanota 11 hunda gidduutti jijjiiri.
APPIIN KUN ODEEFFANNOO DHUUNFAA KAMIYYUU HIN SASSAABU!
Imaammata Dhuunfaa Appii Moobaayilaa keenya asii ilaaluu dandeessu

Watch the video and download the app!
Appicha karaa toora intarneetiirraan fayyadami
Appii fuula kana irratti argamu osoo hin buufatin barbaadduu kee keessatti fayyadami.
Appii fuula kana irratti argamu osoo hin buufatin barbaadduu kee keessatti fayyadami.
Keessoo Appii Ulfa Karaa Sirriin Adda Kutuu:
-
Ibsa ifa fi guutuu ta’e kan mala ulfa adda kutuu nageenya qabu argachuu: ulfa kiniiniidhaan, maashina xuuxxuun, figadaamessa banuun fi baasuun addaan kutuu
-
Torbanoota adda addaatti ulfa adda kutuuf qoricha hamma sirrii fi akkaataa itti fayyadama kiniinii misooprostolii (mifepristonii waliin yookiin malee) irratti odeeffannoo argadhu
-
Yeroo ulfa addaan kutuu fi ulfa adda kutuun booda maaltu akka eegamu baradhu, mallattoon akeekkachiisaa yoo mudate akkamitti akka deebii kennitu dabalatee
-
Ulfa karaa sirriin adda kutuu to’achuuf tarreeffama sakatta’iinsaa qopheessi, karoorsi. Akkasumas yaadota akkaataa qaamaa fi miira kee itti kunuunsitu barbaadi
-
Dhaabbilee deeggarsa kennuu danda’an akkasumas dambiiwwan seeraa barbaachisoo ta’an waliin walitti hidhamiinsa argachuuf odeeffannoo “biyya keessanii” gadi fageenyaan qorachuus
-
Kutaa Gaaffilee irra Deddeebi’anii Gaafataman bal’aa ta’een gaaffiiwwan deebisuu fi yaaddoowwan waliigalaa furi
-
Yeroo appii kana Afaan Ingiliffaa, Ispeen, Poortugaal ykn Faransaayiin fayyadamtan, mala sagalee ol kaasuudhaan dubbisuutiin odeeffannoo dhaggeeffadhu
Appiin Karaa Sirriin Ulfa Adda Kutuu iccitii fayyadamtootaa mirkaneessuuf kan qophaa’edha. Yoo appii kana fayyadamuuf buufatte, MB40 gadi yoo ta’u, guutummaatti karoora daataa ykn interneetii malee hojjeta. Meeshaa keessan irratti maqaan mallattoo appii jala jiru akka “SA” qofatti mul’ata.
Qajeelfama Saffisaa Appi Karaa Sirriin Ulfa Adda Kutuu
Print the guide
Instructions for quick assembly
Click images below to enlarge.